Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin hariiroo dargaggootaa Naannoo Oromiyaa fi Beeniishaanguul Gumuz gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Yaa’iin hariiroo dargaggootaa obbolummaa Naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz cimsuuf qophaa’e Magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira.

Ittigaafatamaa Itti Aanaan Waajjira Qindeessaa Nageenyaa fi Misoomaa Waloo Naannoo Oromiyaa Fi Beeniishaanguul Gumuz Obbo Dhiinsaa Bayyanaa, hariiroon obbolummaa naannolee lameenii bara dheeraa kan lakkoofsisee ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon yaa’ii kanaas hariiroo obbolummaa naannoolee lameen gidduu jiru cimsuu fi ittifufsiisuun dargaggoonni gahee irraa eegamu akka bahaniif ta’uu dubbataniiru.

Dargaggoonni hariiroo obbolummaa cimsuun nageenyaa fi misooma biyyaatiif hirmaannaa taasisaa jiran cimsanii ittifufuu akka qaban dhaamuu TOI gabaaseera.

Hoogganaan Waajjira Dhimmoota Kaabinee Mootummaa Naannoo Beeniishaanguul Guumz Obbo Ashariif Hajjaanuur nageenyi Ityoophiyaa eegamee obbolummaa fi tokkummaa jiru cimsuun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf dargaggoota dabalatee hunduu gahee irraa eegamu bahuu akka qabu dhaaman.

Yaa’ii gaggeeffamaa jirurratti dargaggoonni Godina Wallaggaa Lixaa, Godina Asoosaa fi Kaamaashii akkasumas aanaalee addaa Maa’oo, Koomoo irraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.