Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensota IGAD weerara Awwaannisaa waloon akka to’atan waamichi dhiyeete

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Biyyoonni miseensota Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) weerara Awwaannisaa waloon akka to’atan Manni Maree Ministirootaa dhaabbatichaa hubachiise.

Yaa’iin Mana Maree Mninistirotta IGAD Hagayya 9, 2023 Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera.

Jijjiirama qabeenya qilleensaa fi hanqina wabii nyaataa ittisuuf bara Faranjootaa Hagayya 9, 2020 Ityoophiyaatti, yaa’ii ariifachiisaa 34ffaa gaggeeffameen murtoo darbe deeggaruun ministiroonni waamicha dhiyeessniiru.

Biyyoota miseensota Dhaabbata To’annoo Weerara Awwaannisa Gammoojjii dabalatee biyyootaa ollaa fi eejensiiwwan dhimmichi ilaallatu waliin akka hojjetanii fi awwaannisa gammoojjii guutummaatti balleessuuf akka walta’an waamicha dhiyeessaniiru.

Akkasumas naannawichatti haala weerara awwaanisa gammoojjii raaguu, hordofuu fi gama to’achuutiin biyyoonni miseensotaa dandeettii isaanii cimsuu akka qaban akeekameera.

Fuuldurattis manni maree ministirootaa biyyoota miseensota dhaabbatichaa weerara hoomaa awwaannisaa dandeetti dandamatu ijaaruuf dhaabbileen tumsitoota misoomaa deeggarsaa faayinaansii, teekinikaa fi loojistiksii akka taasisan waamichi dhiyaateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.