Fana: At a Speed of Life!

Hojmaata walxaxaan sukkaarri bitame biyya keessa hingalfamne

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Biyyaa sukkaarri irraa bitametti hojmaata walxaxaa mudateen walqabatee dhaabbanni caalbaasi injifate oomishicha gara Ityoophiyaa galchuu akka hindandeenye Giruuppiin Indaastirii Sukkaaraa Ityoophiyaa beeksise.

Sukkaarri kan bitame Biraaziil irraa yoo ta’u, dhaabbanni caalbaasii injifate oomishichaa yeroo barbaadametti qaqqabsiisuuf akka hindandeenye Itti Gaafatamaan Kutaa Hirmaannaa fi Quunnamtii Ummataa giruuppichaa Rattaa Dammaqaan dubbatan.

Rakkoo mudatu tilmaama keessa galchuun baatii lamaa hanga sadii gidduu oomishichi gara biyyaa keessa akka galfamuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun eerameera.

Sukkaarri bitame kuntaala miiliyona 2 ta’uu fi oomishichi marsaa afuriin biyya keessa akka galfamu ibsameera.

Bittaa sukkaarichaaf baajanni Doolaara miiliyoona 110 fi kuma 400 ramadamuus akeekaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti fedhiin sukkaaraa kuntaala miiliyoona 7.5 hanga miiliyoona 8.5 akka jiru tilmaamama.

Yohaannis Darriboowutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.