Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa qabeessummaa sagantaa haaromsa biyyaalessaaf dameen dhuunfaa dammaqinaan akka hirmaatu gaafatame

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Bu’aa qabeessummaa sagantaa haaromsa biyyaalessaaf dameen dhunfaa dammaqinaan akka hirmaatu Koomiishiniin Haroomsa Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.

Koomiishinichi seektaraalee dhuunfaa waliin mari’ataa jiraachuun ibsame.

Mariichi mata duree “Koomiishinii Haroomsa Biyyalessaa keessatti gahee seektaraalee dhuunfaa” jedhuun hawaasaa daldalaa fi qooda fudhattoota biroo waliin mari’achaa jiraachuun ibsameera.

Loltootaa duraanii gara jireenyaa idiileetti deebisuuf koreen hundaa’uu kan ibsan Koomishinarri Koomishinichaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan, haaluma kanaan waamicha nageenyaa mootummaa fudhachuun loltoonni duraanii hidhannoo hiikkachuun, jireenyaa idiileetti deebisuun akka danda’ame eeraniiru.

Koomiishinichi kaayyoo hundeeffameef galmaan akka ga’uuf mootummoota naannoolee, hawaasa siviilii, dhaabbiilee midiiyaa fi dhaabbiilee garaagaraa waliin hojjechaa jiraachuu Ambasaaaddar Tashoomaan ibsaniiru.

Bu’aa qabeessuummaa sagantaa haroomsa biyyaalessaaf hirmaannaan seektaraalee dhuunfaa barbaachisa ta’uun ibsameera.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.