Fana: At a Speed of Life!

Gabaasaaleen miidiyaalee faayidaa biyyaalessaa kan dursu fi tokkummaa kan cimsu ta’uu qaba-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)- Gabaasaaleen miidiyaalee faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa kan dursuu fi tokkummaa ummata kan cimsu ta’uu qaba jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Qopheessummaa Tajajila Komiikeeshinii Mootummaa fi Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaan leenjiin mata duree “Miidiyaalee ijaarsa biyyaaf” jedhuun hoggantootaa fi ogeeyyi miidiyaalee naannolee fi federaalaaf kennamaa ture xumurameera.

Xumura waltajjicharratti Dooktar Laggaasaan, miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa dursuun Ityoophiyaatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hojjechuu akka qaban akeekaniiru.

Dabalatan, ummatoota gidduutti obbolummaan akka jabaatuu fi tokkummaan akka cimu hojjechuu qabu jedhan.

Mootummaan imala badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf karoora qabate galmaan ga’uuf miidiyaaleen gumaachaa gama isaanii taasisuu akka qabaniis himaniiru.

Diinagdee hunda galeessa kan ta’an, qonnaa, indaastirii, tuuriizimii, albuudaa fi tajaajila quunnamtii fi odeeffannoo (ICT) irratti hojiilee bal’aan hojjetama jiraachuu ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Mahaammad Idiriis gama isaaniin, gabaasaaleen miidiyaalee dhimmoota ijaarsa biyyaaf gumaachan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Gama kanaanis sirna diimokiraatawaa cimaa ijaaruuf gabaasaalee madaalawoo hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.