Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qorannoo Oromoo seenessa olaantummaa Sobaa Seenaa Oromoo ganu sirreessuu irratti akka hojjetu beeksise

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) – Waldaan Qorannoo Oromoo (ORA) seenessa olaantummaa Sobaa Seenaa Oromoo ganu sirreessuu irratti akka hojjetu beeksiseera.

Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’ii 2ffaa fi fooramii hojii jalqabuu isaa itti beeksisuu gaggeessaa jira.

Yaa’ii har’aa kana irratti qorannoon gara garaa dhihaachaa kan jiran yoo ta’uu, kanneen keessaa, ‘Oromoo Orma Gochuu’, ‘Finfinnee Osoo Giddugala Impaayera Ityoophiyaa hin ta’in dura’’ barreeffamoonni jedhan dhihaataniiru.

Hayyoonni Oromoo biyya keessaafi alaa jiran tokko ta’anii hojjechuudhaan rakkoo seenaa ummata Oromoo hiikaa deemuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Olaantumma seenessa sobaa seenaa oromoo ganu ifachuun dhalootaa dhufuuf seenaa sirrii dabarsuu akka barbaachisu himameera.

Hundeeffama Waldaa kanaa keessatti deeggarsa garagaraa taasisaniif Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif beekamtiin laatameera.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi hayyoonni garaagaraa argamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.