Fana: At a Speed of Life!

Waliingahiinsa wal’aansa Kaansarii dabaluuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)-Waliingahiinsa tajaajila wal’aansa dhukkuba Kaansarii dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Lakkoofsi lammiilee wal’aansa argatanii dabaluuf, “giddugaloonni wal’aansaa hundagaleessa Kaansarii” ja’a, Magaalota Finfinnee, Jimmaa, Maqalee, Goondar, Hawaasaa fi Hararitti, ijaaramaa jiraachuu, Gorsaan dhimmoota ittisaa fi to’annoo Kaansarii Ministeerichaa Dooktar Kunuuz Abdallaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Ityoophiyaatti waggaa waggaan saaxilamtoota dhukkuba Kaansarii haaraa kuma 77 keessaa wal’aansa kan argachaa jiraan %15 gadi ta’uun ibsameera.

Giddugaloota kenniinsa tajaajila wal’aansaa Kaansarii babal’isuun akkaataa tatamsa’ina dhibechaan tajaajila isaa dhiyeenyatti kennuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Hanga ammaattis, giddugaloota Hospitaala Xiqur Ambassaa, Jimmaa fi Hararitti argaman taajaajila wal’aansa Kaansarii guutummaatti kennaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Giddugaloonni ijaaramaa jiraanis guutummaatti xumuramuun tajaajila wayita eegalan rakkoo waliin gahiinsa wal’aansa dhibechaa %15 gadi ta’e furuun tajajilaacha ni guddisa jedhan.

Wal’aansa Kaansaarii kennamu keessaa qooda olaanaa kan qabu Kaansarii Harmaa ta’uu eeraniiru.

Yoohaannis Darriboowuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.