Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti lafa heektaara kuma 516 keessaa % 63 deeggarsa meekaanaayizeeshiniin kilaastaraan misoomaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Godina Baaleetti oomishtummaan qonnaa guddisuu meekaanaayizeeshiniin Qonnaa hojiirra oolaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Godinichatti Meekaanaayizeeshinii fayyadamuun oomisha gannaa mala qonnaa meekaanaayizeeshiniin misoomsuun aanaa Gobbaa ganda Alosheetti jalqabameera.

Godinichatti bara oomishaa 2015/16 midhaan gosa addaddaa lafa heektaara kuma 516 irratti misoomsuuf karorfame keessaa % 63 deeggarsa meekaanaayizeeshiniin kilaastaraan akka misoomu hojjetamaa jiraachuu bulchaan godinichaa obbo Abdulhakiim Aliyyi ibsaniiru.

Bara oomishaa 2015/16 lafa hektaara kuma 516 ol sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Aliyyi Mahaammad eeraniiru.

Lafa meekaanaayizeeshinii qonnaan misoomsuuf qabame keessaa hektaarri kumni 258 ol qamadii kan misoomu ta’uu eeraniiru.

Callaa kuntaala miiliyoona 15 .5 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Waajjira Qonnaa godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.