Fana: At a Speed of Life!

Bidiruun dhidhimuun lubbuun namoota 41 darbe

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Odola Xaaliyaanii Laampeeduusaatti Bidiruun dhidhimuun lubbuun Godaantoota 41 darbuu ibsameera.

Bidiruun godaandoota feetee Tuuniziyaa Sifaaksii ka’uun gara Xaaliyaanii wayita imalaa jirtu dhidhimuun lubbuu namoota kanneenii galaafachuu namoonni balicharraa hafan dubbataniiru.

Godaantoonni Giinii fi Kootidivaayeer balichaarraa oolaan 4 har’a Laampeeduusaa ga’uu isaanii ibsameera.

Bara baajataa kana godaantoonni Afrikaa ka’uun gara Awurooppaa ce’uuf yaalan kumni 1 fi 800 lubbuu isaanii dhabuu eerameera.

Buufanni magaalaa Sifaaksi Odola Xaaliyaanii Laampeedusaarraa Kiiloo Meetira 130 faggaattee argamti.

Namoonni hedduun wayita gara Odola kanaa godaanaan lubbuu dhabuu isaanii BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.