Fana: At a Speed of Life!

vaayraasii koroonaa (COVID-19) ittisuuf dargaggoota tola ooltoota kuma 20 guutuu biyyatiitti bobbaasufi

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) –vaayraasii koroonaa (COVID-19) ittisuuf dargaggoota tola ooltoota kuma 20 guutuu biyyatiitti bobbaasufi.

Liigiin Ergama Badhaadhinaafi Nageenya Dargaggootaa Itoophiyaa vaayiraasii koroonaa to’achuuf dargaggeeyyii tola ooltoota kuma 20 guutuu biyyatiitti bobbaasuuf akka jedhu beeksise.

Preezedaantiin Liigii Ergama Badhaadhinaa fi Nageenya Dargaggootaa Itoophiyaa Dargaggoo Birhaanuu Baqqalaa carraaqqii dhibee vaayiraasii koroonaa(COVID-19)  ittisuuf taasifamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Dhibee yaddoo addunyaa ta’e kana Ityoophiyaatti rakkoo hawaasaa diinagdee otuu hin qaqqabsiisiin dhukkubicha  to’achuuf dargaggoota tola ooltoota guutuu biyyaatiitti bobbaasuuf akka ta’e himaniiru.

Sagaanta tola ooltummaa kan irrattis dargaggoota tola ooltoota naannolee 9 fi bulchiinsota magaalaa 2 irraa sassabuun guutuu biyatiitti kan bobba’an ta’a.

Ergama kennameef hojiirra qixa sirriin akka oolchaniif dargaggoota kanneeniifi leenjii gahaa akka fudhatan gochuuf hojjatamaa akka jirus dargaggoo Birhaanuun ibseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.