Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Kooriyaan Kibbaa Ugaandaatti madda Anniisaa Niwukilaraa ijaaruufi

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Raashiyaa fi Kooriyaan Kibbaa Ugaandaatti madda Anniisaa Niwukilaraa ijaaruu eegaluuf ta’uu Pireezidaantiin biyyattii Yuuweerii Muuseeveeniin beeksisan.

Pireezidaanti Yuuweerii Muuseeveeniin walga’ii 2ffaa hoggantroota Oomishtoota Bunaa biyyoota Afrikaa 25 irratti argamuun haasawa taasiisaniin biyyattiin madda Anniisaa Niwukilarii ijaaruuf Raashiyaa fi Kooriyaa Kibbaa waliin waliigaltee mallatteessuu ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen madda anniisaa Niwukilarii Anniisaa Meegaa Waatii kuma 15 maddisiisuu danda’an lama ijaaruuf ta’uu dubbataniiru.

Ugaandaan qabeenya Bishaanii Humna Elektirikaa ga’aa ta’e maddisiisu danda’u kan qabdu ta’uu kaasaaniiru.

Yaa ta’uutii damichaan Teeknooloojiiwwan haaraa babal’isuuf
tumsi dabalataa kan barbaachisuu fi Humna Anniisaa Niwukilaaraa gabbisuun murteessaa ta’uu kaasuu isaanii Anaaduuluun gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.