Fana: At a Speed of Life!

Raamiiz Alaakbaaroov Ityoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbii fi qindeessaa mirgoota namoomaa DhMG ta’uun muudaman

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniiyoo Guutareez Dooktar Raamiiz Alaakbaaroov Ityoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbii fi qindeessaa mirgoota namoomaa dhaabbatichaa taasiisuun muudaniiru.

Lammiin Azaarbaajaan Dooktar Alaakbaaroov kana dura Afgaanistaanitti Itti aanaa bakka bu’aa ergama deeggarsa addaa fi Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun tajaajilaniiru jedhame.

Dabalataan Dhaabbatichatti sadarkaa garaagaraatti hojjechaa turuu isaanii ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.