Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Barnootaa Naannoo Afaaritti damee barnootaan hojiilee hjjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanu Naggaan Naannoo Afaaritti damee barnootaan hojiilee hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Pireofeesar Birhaanuun hojiilee misoomaa daawwatanitti dabalataan Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Naannichatti damee barnootaan hojiilee hojjetaman ilaalchisuunis qondaaltota naannichaa waliin akka gamaaggaman kan eegamu ta’uu TOI gabaaseera.

Saganticharratti Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessan Kilaastara Hawaasummaa Amiinaa Seekoo, Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Abdii Hasanii fi qondaaltonni biroon hirmaataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.