Fana: At a Speed of Life!

Haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisee ibsa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa kenname

Finfinnee, Hagayya 1, 2015 (FBC)- Mootumman Ityoophiyaa nageenyi dhimma olaantummaa seeraa kabachiisuu, misooma ummataa mirkaneessuuf daandii ijoo ta’uu kan itti amanu ta’uu fi nageenya kabachiisuu fi mirkaneessuuf wareegamaa barbaachisaa kaffalaa jiraachuu ibseera.

Naannoo Amaaraatti, boora’uu nageenyaan walqabatee “Gareen Hattootaa” gochaa seeran alaa fi sirna mootummaa diiguu fi aangoo humnaan qabachuuf ummatarraan miidhaa bal’aa geessisaa jiraachuu eereera.

Gareen kun nageenya naannichaa fi ummataa jeeqa, ummataa rakkisuuf kaayyoo kana qabatee humna uumame malee naannoos ta’e Ummataa Amaaraa kan bakka bu’uu fi qabsaa’uuf miti.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi jiraattonni magaalichaa akkuma kanaan duraa har’as mootummaa fi ummataa naannichaa cinaa dhaabachuun gochaa garee biyya digaa fi hannaa kana ni morma jedheera.

Gareechi kaayyoo isaa raawwachiisuuf naannawaa walitti bu’iinsi hinjirretti baqataa fi buqqaatota sababa walitti bu’iinsaa fakkeessuun, fakkaattoota isaa magaalaa keessa galchuun magaala keessatti jibbiinsa, walqoqqoodiinsaa fi kaayyoo hokkaraa tarkaanfachiisuu fi shira cuuphaman gara ummataattii tamsaasuuf wayita yaalan to’atamuu eereera.

Bulchiinsi magaalichaas akkuma kanaan duraa kanneen sochii seeraan alaa taasisan kutannoon seera ni qabsiisa jedheera.

Waan ta’eef, sochii akkanaa dammaqinaan hordofuun ummataaf kan ifoomsu yoo ta’u, tarkaanfiin ummata hirmaachises kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.