Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafti heektaarri miiliyoonni 7 ol midhaan gara garaan misoome kunuunfamaa jira – BQO

Finfinnee, Adoolessa 30, 2015 (FBC) – Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 7 ol midhaan gosa garagaraan misoomee kunuunfamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti barana Qonna Gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 8 fi kuma 268fi 706 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7fi kumni 340fi 551 midhaan gosa adda addaan misoomee kunuunfamaa jiraachuu, Biiroo Qonnaa Oromiyaatti, Daayrektarri Misooma Midhaanii, Obbo Musxafaa Huseen ibsaniiru.

Qonna gannaa baranaa keessaa lafti heektaarri miiliyoonni 5fi kuma 319 ol kilaasteran misoomaa jiraachuus eeraniiru.

Hojiilee misooma qonnaa baranaa keessaa lafa heektaara miiliyoonaafi 7 kuma 750 midhaanota inisheetiiviin qabaman akka naannootti karoorfaman kan sharafa biyya alaa argamsiisan,wabii nyaataa mirkaneessan fi galtee indaastirii ta’anirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu dubbachuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.