Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti lafa hektaara kuma 470 irratti ‘Atoo-Boonsituu’n facaafameera-Pir. Shimallis

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Bara omishaa 2015/16 Inisheetiivii Misooma ‘Atoo-Boonsituu’ tiin hanga ammaatti lafa hektaara kuma 470 irra sanyichi facaafamuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis akka ibsanitti mootummaan Naannoo Oromiyaa Inisheetivoota garagaraa qopheessuun seektara qonnaa gama hundaan jijjiiruuf kutannoon hojjechaa jira.

Bara omishaa 2015/16 Inisheetiivii Misooma omisha ‘Atoo-Boonsituu’ tiin lafa hektaara kuma dhibba jaha(600,000) misoomsuuf karoorfannee, hanga ammaatti lafa hektaara kuma 470 irratti sanyiin kun facaafamuu danda’eera.

Omishni ‘Atoo-Boonsituu’ gosa midhaanii gabaa idil-adunyaa irratti barbaadaman keessaa tokko ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeranii, ciminaan yoo irratti hojjetamee fi omishni isaa yoo babal’ate kaayyoo seektarri qonnaa baay’ina al-ergii dabaluuf qabate milkeessuu keessatti gahee olaanaa akka taphatu ni amanama jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.