Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii baajata 2016 Birrii biiliyoona 4.2 ol raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Manni Marii Naannoo Hararii baajata naannichaa bara baajataa 2016 Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 258 ol raggaasise.

Manni marichaa Yaa’ii idilee 4ffaa, waggaa 2ffaa marsaa 6ffaa gaggeesseen bajata mootummaa naannichaa bara 2016 Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 258 ol raggaasiseera.

Itti Aanaan Itti Gaafatamaa biiroo Maallaqaa fi walta’iinsa diinagdee naannichaa Obbo Abdulbaasiix Abuubakar akka jedhanitti, baajata ramadame keessaa %58 baajata kaappitaalaaf, %42 ammoo baajata idileef qabameera.

Bajatichis galii adda addaa naannicha irraa walitti qabamuu fi deeggarsa mootummaa federaalaa irraa argamuun kan uwwifamu ta’uu ibsaniiru.

Baajatni ragga’e kun kan bara darbeen yeroo walbira qabamuus % 25 caalmaa qabaachuu ibsamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa artgame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.