Fana: At a Speed of Life!

Kilaastarri Poolii Teeknikaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa barattoota kuma 2 fi 831 eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Kilaasterri Poolii Teeknikaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa barattoota ogummaa garaagaraatiin gulantaa 2 hanga Digirii jalaqabaatti barsisaa ture kuma 2 fi 831 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Kilasterichi barattoota koolleejjiiwwan barnootaa leenjii teeknikaa fi ogummaa mootimmaa Aanota Godina Arsii 26 fi Koolleejjota dhuunfaa 21 irraa eebbisiiseera.

Hoogganaan Biroo Carraan Hojii Umuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa sagantaa eebbichaarrtti haasawa taasisaniin sochooftota diinagdee biyyaa waan ta’aniif ogummaa barataniin hojii uummatanii biyyaa fi ofis akka jijiiran abdii qaban himaniiru

Abdallaa Amaanii fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.