Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa Ambaasaaddara Romaaniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Hoggantoonni Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Romaaniyaa Luuliyaa Paataakii waliin dhimmoota waliin hojjechuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin biyyoota lameen gidduu hariiroo seena qabeessaa ture akkasumaas yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa hundeeffamaa isaarraa eegalee hanga ammaatti ogeeyyii horachuun gumaachi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasise bal’aa ta’uu Ambaasaddarittiif ibsa taasisaniiru.

Wayita kanattis dhimmoota waliin hojjechuu dandeessisan kanneen akka barnootaa fi qo’annoo, akkasumaas tajaajila hawaasummaa fi gorsaa irratti mari’ataniiru.
irratti

Leenjiiwwan garaagaraa, TQO (ICT) fi nageenya saayibariin, qorannoo, mana kitaabaa oonlaayinii, akkasumas bu’uuraalee laabiraatoorii akkaadaamikii irratti waloon hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ragaan Raayyaa Ittisa biyyaarraa argame ni mul’isa.

Komaandantiin Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa Birgaadar Jeneraal Kabbaadaa Raggaasaa, fuulduratti Embaasii Roomaaniyaa waliin hariiroo jiru cimsuun pirojektoota waloo murtaa’anii fi filaman bocuun hojiirraa oolchuuf waliigaltee akka barbaachisu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Luuliyaan marichaan booda Koolleejjii Injiinariingiitti kutaalee garagaraa daawwataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.