Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 4.51 dhaabate

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 4.51 ol dhaabbachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Bara kana sagantaa ashaaraa magarisaa marsaa 2ffaaf milkeessuuf qophii duraa eeggumsa biyyoo fi bishaanirraa eegalee hojiin bal’aan raawwatamuu Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Qabeenya Uumaamaa fi Wabii Nyaata Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Haroon Haramayaa Gogee ture hojii eeggumsa biyyoo fi bishaanii xiiqiin hojjetameen deebi’uun hawaasni hamilee fi qindoominaan hojii kunuunsa qabeenya uumamarratti akka bobba’aniif ka’umsa ta’uu Obbo Eeliyaas Kadir ibsaniiru.

Keessattuu ummanni Godinaalee Harargee Daagaa qofa osoo hin taanee Siidaa bara baraa dhalootaaf kaa’uu ibsaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuu biiliyoona 4.9 qopheessuuf karoorfamee Biqiltuu biiliyoona 5 qopheessuun danda’amuu Obbo Eeliyaas eeraniiru.

Biqilaa biiliyoona 5 dhaabbiif qophaa’e keessaa % 11 biqiltuu muduraa fi Kuduraa ta’uu dubbataniiru.

Hanga ammaattis biqiltuun biiliyoonni 4.5 lafa hektaara miiliyoona 1.12 irra dhaabbachuu kaasuun, dhaabbiin kun ammas kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Adoolessa 10, 2015tiin biqiltuu miiliyoona 480 dhaabuuf karoorfamee hawaasa miiliyoona 17 ol hirmaachisuun biqiltuu miiliyoona 520.5 dhaabuun danda’amuu dubbataniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa keessatti hojii dhabeeyyii hedduuf carraan hojii uumamuu kaasaniiru.

Muuxannoo hojii kunuunsa qabeenya uumamaa godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessattti argaman godinaalee hunda keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Muduraalee kana dura naannicha keessatti hin baramne hedduu qopheessuun bu’aa gaariin argamuu himaniiru.

Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabbataan giddu galeessaan % 88.5 latuu isaanii Obbo Eeliyaas dubbataniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.