Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa naannoo Amaaraatti labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamu murteesse

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) – Manni Maree Ministiroota walga’ii idiilee 23ffaa har’a gaggasseen dhimmoota adda addaarratti mar’achuun murtoo garaagaraa dabarseera.

Haaluma kanaa nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuuf labsii yeroo ariifachiisaa dhiyaate lakkoosa 6/2015 irratti mari’achuun naannoo Amaaraatti labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamu murteesseera.

Naannichatti sochiin seeraan alaa hojmaata idileen kabachiisa seeraan to’achuun rakkisaa ta’aa dhufuu isaa, sochiin seeraan alaa kun sochii diinagdee fi hawaasummaa naannicharratti dhiibbaa olaanaa uumuu ibsameera.

Sirna heera mootummaarratti balaa kan uumu ta’ee argamuu fi nageenyaa fi tasgabbii ummata naannichaa kabachiisuuf jecha manni marichaa naannoo Amaaratti labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamu murteesseera.

Tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu saffisaan fudhatamuu akka qabus mari’achaan kaa’eera

Mootummaan qaamni hidhannoon socho’u hundi karaa nagaa fi seeraan mariif akka dhiyaatan waamicha taasiisaa turuu ibsameera.

Gareen finxaalleeyyii haleellaa yeroo adda addaatti raawwataniin sochiin siyaas diinagdee, hawaasummaa, nageenyii fi tasgabbiin uummata naannichaa rakkoo hammataa keessa galuu eerameera.

Sochii seeraan alaa kana adeemsa seeraa idileen kabachiisuun rakkisaa ta’aa dhufuu isaan naannichatti labsii yeroo ariifachiisaa labsuun barbaachisaa ta’ee argamuu eerameera.

Kana bu’ura taasiisuun Manni Maree Ministirootaa itti gaafatamummaa qabu ba’uuf jecha naannichatti labsiin yeroo ariifachiisaa labsii lakkoofsa 6/2015 ta’ee akka labsamu sagalee guutuun murteessuu ibsameera.
2, Manni Marichaa wixinee dambii hundeeffam Yuunivarsiitii Finfinneerratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Yuunivarsiitii Finfinnee Yuunivarsiitii ofiin of bulchu ta’ee bilisummaan diinagdee fi bulchiinsa isaa akka sochoosu, sochii riifoormii barnootaa eegalameef adda duree ta’uun Yuunivarsiitiwwan biroof fakkeenya ta’uu haala dandeessisuun wixineen dambii qophaa’ee mana marichaaf dhiyaachuu ibsameera.

Manni marichaas wixinee dambii dhiyaateerratti mari’achuun galteewwan barbaaddaman dabalamuun guyyaa Gaazeexaa Nagaarittirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.