Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Hararii Yaa’ii Idilee gaggeessaa jira

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC) – Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Manni marichaa gabaasa raawwii hojii mana marii bulchiinsa naannichaa kan bara 2015 fi karoora bara 2016 irratti mari’achuun ni raggaasisaan eeggama.

Gabaasa raawwii hojii Mana murtii olaanaa naannichaa fi Odiitera muummichaa kan bara 2015 irratti kan mari’atu yoo ta’u, duubdeebiin argannoo odiitii bara 2013 fi 2014 manni marichaa koree dhaabbiif qajeelche mana marichaaf ni dhiyaata.

Akkasumas manni marichaa turtii guyyoota lamaan baajata hojii raawwachiiftuu mootummaa naannichaa bara 2016 irratti mari’achuun ni raggaasisaan kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.