Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan wixinee abba qabxii sadii miseensa biyyoota garee 20f dhiyeessite.

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan Vaayrasiin Koroonaa(COVID-19)  diinagdee Afrikaarratti dhiibba geessisu hir’isuu kan dandeesisu wixinee abba qabxii sadii miseensa biyyoota garee 20f dhiyeessite.

Ibsi waajjira Muumee Ministira bahe Ityoophiyaan Sababa Vaayrasi Koroonaa (COVID-19) dhiibbaa dhufu hir’isuuf tumsitoota biyyoota waliin hojjechaa jiraachu ibsa.

Haaluma kanaan, Walga’ii addaa miseensoota biyyoota garee 20 fuldurratti taasifamurratti Ityoophiyaan wixinee  abba qabxii sadii dhiyeesite.

Biyyoonni Ardii Afrikaa ittisa tatamsa’ina vaayresii Koroonaaf baajata doolaara Ameerikaa Biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 50 barbaachisa. Tumsa dhaabbileen addunyaa biyyoota ardii Afrikaaf gochu qaban xiyyeeffannoo kan barbaadu yaada jedhudha.

Deeggarsa seektara fayyaan biyyoonni ardii Afrikaa argachuu qabu. Maallaqa fi deeggarsa meeshaalee yaala ittisa tatamsa’ina vaayiresii Koroonaaf oolu barbaadu.

liqiin biyyoota Afrikaarra akka haqamu fi yeroon liqii itti deebisaan akka dheeratu kan gaafatuu yoo ta’u, biyyoonni galii gadi aanaa qabanirraa dhalli liqii akka haqamu akkasumaas liqiiwwan yeroo kaffaltiin isaanii ga’e ammoo yoo xiqqaate waggaa 10f akka dheeratu jechuun gaafataniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.