Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti qonna gannaan qamadiin lafa hektaara kuma 69 olirratti misoomaa jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti qonna gannaan qamadiin lafa hektaara kuma 69 olirratti misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiise.

Godinicha Aanaa Deedootti qamadiin sanyii filatamaa bara dhufuuf hanqina sanyii furu lafa heektara 160 irratti facaafameera.

Qonnaan-bultoonni aanaa kanaa sanyii filatamaa kana misoomsaa jiranis Yuuniyeenii waliin hojjetaa jiru jedhame.

Godinichatti hanqinni sanyii filatamaa akka hin mudanneef qooda fudhattoota waliin gamanumaan hojjetaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Mohaammad Abbaafixxaa dubbbataniiru.

Barana walii galaan qamadiin lafa heektaara kuma 69fi 127 irratti misoomaa jiraachuun eerameera.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, rakkoo jiru itti dhiheenyaan furaa badhaadhina qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjetama jechuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.