Fana: At a Speed of Life!

Marii fi walii galteen sadarkaa hoggantootaatti taasifamaa ture faayidaa waaraa biyyaa kan eegsisuudhaa jedhame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Marii fi walii galteen sadarkaa hoggantootaatti taasifamaa ture faayidaa waaraa biyyaa kan eegsisuu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuun haala yeroo ilaalchisee ibsa laataniiru.

Hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa gara Ityoophiyaa dhufuun daawwannaa fi waliigaltee garaagaraa taasiisuun ijaarsa maqaa gaarii biyyaaf hojii cimaan hojjetamuu agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.

Hoggantoonni kunneen waliigaltee nageenyaa booda gara biyyaa dhufuun hojiin dippiloomaasiin hojjetame bu’aa argamsiisuu agarsiisa jedhan Ambaasaaddar Misgaanuun.

Hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbilee kunneen piroojektoota misoomaa fi tumsa bal’aa yeroo gabaabaa keessatti jalqabaman dhugoomsuu fi karoora misoomaa waloo hojiirra oolchuuf fedhii guddaa qabaachuu eeraniiru.

Hojiin tumsaan hojjechuu cimee kan itti fufu ta’uu Ambaasaaddar Misgaanuu dubbataniiru.

Fireehiyiwaat Saffiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.