Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy dhimmoota Vaayrasi Koroonaa (COVID-19) ittisuun danda’amurratti hoggantoota Dhaabbilee Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota Vaayrasi Koroonaa (COVID-19) ittisuun danda’amurratti hoggantoota Dhaabbilee Idil Addunyaa waliin mari’atan.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy dhummicharratti Dura taa’a Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahimaat akkasumaas Muummee Ministira Biriitaaniyaa duraanii Toonii Bileer fi Gaardan Biraawun waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hoggantoonnii Afrikaa waliin ta’uun Vaayrasi Koroonaa (COVID-19) ittisuu akkataa danda’anirratti mari’achuu isaanii odeeffannoo fuulaa feesbuukii Muummeen Ministira Dooktar Abiyirraa argame ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.