Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan walta’iinsa gamlameenii fi Idil Addunyarraatti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf murannoo ishee ibsite

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Jaappaan walta’iinsa gamlameenii fi Idil Addunyarraatti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu Ministirri Dhimma Alaa Biyyattii Haayaashii Yoshiimaasaan dubbatan.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Dhimma Alaa Jaappaan Haayashii Yoshiimaasaa waliin har’a mari’ataniiru.

Marii isaaniin booda aanga’oonni lameen ibsa miidiyaaleef kan kanneen yoo ta’u, Haayaashii Yoshiimaasaan ibsa isaaniin, Jaappaan walta’iinsa Idil Addunyaa fi gama lameeniirratti Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Jaappaan Ityoophiyaatti ijaarsa nageenyaa fi dameewwan deeggarsaa biroo cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin gama isaaniin, biyyoonni lameen walta’iinsa gama lameenii dabalatee dhimmoota naannawaa fi Idil Addunyaarratti waloon hojjechuu fi cimsuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo gama lameenii cimsuuf xiyyeeffannaan kan hojjettu ta’uu mirkaneessuu himan.

Biyyoonni lameen fuulduratti dameewwan walta’iinsaa daldalaan, invastimantii fi misoomaan xiyyeeffannaa addaan hojjechuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Jaappaan daawwannaa biyyoota Afrikaatti taasisaniin Afrika Kibbaa fi Ugaandaa dawwachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.