Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli galmeessaa siiviilii fi jiraattotaa ammayyaa’aan kennamaa jira-Aadde Adaanech

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen tajaajilli galmeessaa siiviilii fi jiraattotaa ammayyaa’aan kennamaa jiraachuu ibsan.

Aadde Adaanech, hundeeffamaa waggaa 80ffaa Eejensii Tajaajila Galmeessaa Siiviilii fi Jiraattotaa ilaalchisuun argisiisaa fi marii paanaalii qophaa’e jalqabsiisaniiru.

Dhaabbatichi bara 1935 kan hundeeffamee fi gaa’ilaa namootaa 18 qofaa galmeessuun tajaajila kan eegale ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Yeroo ammaas dhaabbatichi tajaajila galmeessa siviilii fi jiraattotaa saffisaa kennaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbatichatti tajaajiloonni kennaman ammayyaa’uu fi dijiitaalawee, ragaalee hundaa giddugala tokkotti walitti qabuu sadarkaa dandeessisurra ga’uu Aadde Adaanech dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.