Fana: At a Speed of Life!

Beejiingitti waggoota 140 keessatti mudatee kan hinbeekne roobni olaanaan roobe

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Chaayinaa Beejiingitti bara Faranjootaa Adoolessa 29 hanga Hagayya 2, 2023’tti waggoota 140 keessatti mudatee kan hinbeknee roobni olaanaan roobuun gabaafame.

Magaalaa Beejiingitti Sanbataa fi Roobii ganama gidduu roobni miilii meetira 744.8 roobuu Biiroon Raagaa Haala Qilleensaa Beejiingi beeksiseera.

Roobnii olaanaan kunis, naannawaa bulchiinsaa Kibbaa Chaayinaatti roobni bubbee makatee roobee gara naannawaa Kaaba Chaayinaatti naanna’uurraan akka ta’e eerameera.

Kunis seenaa Beejiingi keessatti roobaa olaanaa akka ta’ee fi bara faranjootaa Hagayya 23-29, 1883’tti rooba miilii meetira 510.3 akkasumaas Hagayya 23, 1891 ammoo rooba miilii meetirri 609 akka galmaa’e CGTN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.