Fana: At a Speed of Life!

Weerarri Hoomaa awwaannisa Gammoojjii naannolleetti mudate yeroon yoo hin to’atamne miidhaa qaqqabsiisuu mala jedhame

  1. Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Weerarri Hoomaa awwaannisa Gammoojjii naannollee Afaarii fi Tigraayitti mudate yeroon yoo hin to’atamne miidhaa qaqqabsiisuu akka malu naannoleen kunneen ibsan.

Hoggantoonni naannolee kanneenii turtii Faanaa Biroodkaasting Korporeet waliin taasisaniin weerarri hoomaa awwaannisaa kun misooma Qonnaarratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu akka danda’u sodaa qabaachuu ibsaniiru.

Weerarichi Godina Baha Tigraayitti bal’inaan mudachuu Daayrektarri Qonna fi Eeggumsa Biqiltuu Biiroo Qonnaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Mabrahaatoom Gabra Kidaan ibsaniiru.

Naannoo Afaarittis godinaalee 4 keessatti weerarri hoomaa Awwaannisaa mudachuu itti aanaa hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Ibraahiim Usumaan ibsaniiru.

Salamoon Yittaayetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.