Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Saayinsii Uumamaa laatamu eegale

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa barattoota Saayinsii Uumamaaf dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti laatamuu eegalameera.

Sadarkaa naannoo Oromiyaatti barattooni kumni 148 ol qormaata kana fudhachuu eegaluu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiiseera.

Qorumsi kun hanga Adoolessa 28, 2015tti kan itti fufuu ta’uu sagantaan bahe ni agarsiisa.

Akka biyyaatti bara kana waliigalaan barattoonni kumni 868 fi 74 ol qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.