Fana: At a Speed of Life!

Moorookoon Ityoophiyaa waliin baankii fi dameewwan biroorratti walta’iinsaan hojjechuu akka feetu beeksiste

Finfinnee, Adoolessa 23, 2015 (FBC)- Moorookoon Ityoophiyaa waliin baankii fi dameewwan biroorratti walta’iinsaan hojjechuu akka feetu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Moorokkoo Neezaa Aloyuu Mihaamdi beeksisan.

Bu’aa qabeessummaan dameewwan walta’iinsaa biyyoota lameenii itti fufsiisuu ibsaniiru.

Erga Mootiin Moorookoo Maahaammad 6ffaan bara Faranjootaa 2016 Ityoophiyatti daawaannaa taasisuu hordofee waliigalteewwan michummaa 16 mallatteessuun hojiirraa oolchaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Ergasiis walta’iinsi michummaa Ityoophiyaa fi Moorookoo sadarkaa caalutti ce’uu Ambaasaddarittiin dubbataniiru.

Keessumaa qonnaan, barnootaan, invastimantii fi walta’iinsa diinagdeen biyyoonni lameen waloon hojechaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Fuuldurattis, kanneen malee dameewwan walta’iinsa biroon Moorookoon Ityoopiyaa waliin hariiroo walta’iinsaa qabdu cimsuun kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.

Hariiroon walta’iinsaa biyyoota lameeniii haala milkaa’aa ta’een bu’aa qabeessummaan isaa itti fufeera jedhanii, hirmaannaa damee dhuunfaa cimsuun baankii fi walta’iinsa dameewwan biroon akka hojjetanis mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.