Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ityoophiyaatti daawwannaa taasiisuufi

Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajaay Baangaan bara Faranjootaa Adoolessa 31, 2023 eegalanii Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisuufi jedhame.

Pireezidaantichi Wiixata dhufurraa eegalee guyyoota lamaaf Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf ta’uu Baankiin Addunyaa beeksiiseera.

Dargaggootaafi dubartootaaf carraawwan hojii uumamuu danda’an adda baasuun toora xiyyeeffannoo daawwannaa isaanii ta’uu baankichi ibseera.

Ajaay Baangaan hojiilee misoomaa garaagaraa kan daawwatan ta’uu eerameera.

Turtii isaaniin Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiyy Ahimadi dabalatee hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaa waliin dhimmoota waloorratti ni mari’atuun eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.