Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa dameewwan fayyaaf, qonnaa fi dhiyeessii anniisaaf fayyadamuu barbaaddi-Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan teeknooloojii Niwukilaaraa dameewwan fayyaaf, qonnaa fi dhiyeessii anniisaaf fayyadamuu akka barbaaddu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan dubbatan.

Dooktar Ballaxaan Daayrektaraa Olaanaa Eejensii Anniisaa Atoomikii Raashiyaa Aleeksi Leekaacheev waliin Karoora fuulduree hojiirraa oolmaa misoomaa niwukilaraa Ityoophiyaarratti waliigaltee mallatteessaniiru.

Magaalaa Peetisbargitti Yaa’ii Raashiyaa-Afrikaa gaggeeffamaa jiru cinaatti waliigalteen raawwiin amma mallatteeffame kun kanaan dura waliigaltee mallatteeffamee hojiirra oolchuu fi damichaaf hojmaataa ifaa uumuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Daayrektarri Eejensichaa Aleekseey Leekaacheev wayita waliigaltechaatti akka ibsanitti, saayinsii atoomikii irratti dandeettii ogeeyyii Ityoophiyaanotaa gabbisuun xiyyeeffannaa waliigaltechaa ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbatichis biyyootaa 8’tti giddugaloota qorannoo niwukilaraa 33 ijaaruurratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduutti waliigalteen mallatteeffame, karooraa fuulduree itti fayyadamaa niwukilaraatiin Ityoophiyaan damichaan wal’aansa, qonnaa, anniisaa elektirikii fi qorannoorratti dandeetti qabdu ammayyeessuuf kan dandeessisu ta’uu ragan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.