Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti gamaaggamni hoggantoota olaanoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Gamaaggamni hoggantootaa olaanoo fi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad dabalatee, miseensonni kaabinee, ittaantonni hoggantoota biiroolee fi qondaaltonni naannichaa argamaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Somaalee Injiinar Mahaammad Shilee akka jedhanitti, waltajjichi raawwii 2015’n bu’aalee argamanirratti kan xiyyeeffateedha.

Bu’uura kallattii paartichaan hoggansi itti gaafatamaa fi dirqama itti kenname bahachuu akkasumas lammiileen sirnaan tajaajiluu dabalatee dhimmoota biroorratti xiyyeeffachuun kan mari’atamu ta’uu himaniiru.

Pireezidaanti Musxafee Mahaammad gama isaaniin hoggansi hojiilee irratti ramadame sirnaan bahachuun kan sakatta’amu ta’uu himuu ragan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Naannichi hoggantoota ga’umsaa qabanii fi cimoo horachuu fi hojiilee jalqabaman tumsuuf gaheen waltajjichaa olaanaa ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.