Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 10.8 qonnaan bulaaf raabsame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Hanga ammaatti xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 10.8 qonnaan bulaaf raabsamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen haala Qonna Gannaafi Sassaabbii Oomisha Bonaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Rakkoo bittaa xaa’oo biyyoo caalbaasii qofarratti hundaa’e furuuf filannoo bittaa hunda fayyadamuuf ta’uu Dooktar Girmaan eeraniiru.

Bara kana fedhiin dhiyeessii xaa’oo qonnaa kuntaala miiliyoona 20 kan ture ta’uu kaasuun Doolaara biiliyoona 1 xaa’oo biyyoo kuntaalli miiliyoonni 13.675 bitamuu Dooktar Girmaan eeraniiru.

Bara baajataa kana waliigala xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 15.8 ol dhiyaachuu dubbataniiru.

Xaa’oon bitamee ture Kuntaalli miiliyoonni 11.9 Jibuutii ga’uu eeraniiru.

Kuntaalli miiliyoonni 10.7 ol gara biyya keessatti geejjibsiifamuu eeraniiru.

Xaa’oo saffisaan qonnaan bulaaf qaqqabsiisuuf guyyaan xaa’oon kun taalli kumni 200 ol gara biyya keessatti geejjibsiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Xaa’oo qonnaan bulaa bira ga’uu qabu keessaa % 68 qonnaan bulaaf raabsuu dubbataniiru.

Yisimaaw Adaraawuu fi Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.