Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Gumrukaa Bulchiinsa Gumrukaa Raashiyaa waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Komishiniin Gumrukaa sirna beeksise gatii saffisiisuuf Bulchiinsa Gumrukaa Raashiyaa waliin sanada waliigaltee mallatteesseera.

Komishinarri Komishinii Gumrukaa Dabalee Qaabataan Yaa’ii Hoggantootaa Afrikaa Raashiyaa cinaatti Bulchiinsa Gumrukaa Raashiyaa waliin sirna beeksisa gatii meeshaalee saffisiisuuf dhimmoota dandeessisanirratti sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Kunis meeshaalee Raashiyaa gara Ityoophiyaa seenaan gatii sirrii beekuu fi mootummaan meeshaalee kanneenirraa gibiraa fi Taaksii sirrii akka argatuuf qooda qabaachuu Komishinar Dabaleen eeraniiru.

Waliigaltichi Seera alummaa Meeshaalee alaa galanirratti raawwatamu ittisuuf kan dandeessisu ta’uus kaasaaniiru.

Wandawasan Araggaanyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.