Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan Qormaata kutaa 8ffaa sadarkaa magaalaa Finfinnee ifoome

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Bu’aan Qormaata kutaa 8ffaa sadarkaa magaalaa Finfinnee bara 2015 ifoomeera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniiru.

Bara barnootaa 2015 keessa waliigalaan barattoonnikumni 73 fi 385 qormaata kutaa 8ffaa sadarkaa magaalaa fudhachuu ibsaniiru.

Barattoota qoraman keessaa % 70.6 bu’aan qormaata isaanii 50 fi isaa ol ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas barattoonni bu’aa isaanii daqiiqaa muraasa booda karaa liinkii fuula miidiyaa hawaasaa Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ilaaluu akka danda’an beeksisaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.