Fana: At a Speed of Life!

Moobaayiloonni hataman suuqiwwaan eeyyama daldalaa seera qabeessa ta’an keessatti to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Moobaayiloonni iddoolee garaagaraa hataman suuqiwwaan eeyyama daldalaa seera qabeessa ta’an keessatti to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Magaalàa Finfinnee kutaa magaalaa Booleetti suuqiwwaan namoota dhuunfaa eeyyama daldalaa Suphaa Bilbilaa fi Teeleeviizyiinii qaban uwwisa taasisuun Moobaayiloonni iddoolee garaagaraa hatamuun gurguramaa turan hedduun to’atamuu poolisiin ibsameera.

Suuqiwwan daldalaa naannawaa Edinaamoolitti hojii suphaa hojjetan 4 keessatti sakattoo Poolisiin taasiseen Moobaayiloonni iddoolee garaagaraa hatamuun gurguramaa turan hedduun qabamuu ibsameera.

Dhimmicha waliin walqabatee namoonni dhuunfaan 4 to’atamuun qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.