Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Putiin hariiroo Raashiyaa fi Afrikaa caalmaatti cimsuuf waadaa galan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadimiir Putiin hariiroo diingadee, Daldalaa fi namoomaa Raashiyaa fi Afrikaa caalmaatti cimsuuf waadaa galaniiru.

Yaa’iin Hoggantoota Raashiyaa fi Afrikaa 2ffaan Raashiyaa magaalaa Qiiddus Piitarsibargitti gaggeeffamaa jira.

Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Daldalli Raashiyaa fi Afrikaa Doolaara biiliyoona 18 ga’uu Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadimiir Putiin yaa’icharratti ibsaniiru.

Bara Faranjootaa 2023 hariiroon Daldalaa Oomisha Qonnaa Raashiyaa fi Afrikaa %60 guddachuu eeruun, kana caalaa guddachuu akka danda’u dubbataniiru.

Bara kana biyyattiin baatiwwan jalqabaa 6’n darban keessa Midhaan Toonii miiliyoona 10 gara Afrikaatti erguu kaasaniiru.

Raashiyaan bu’uraalee misooma Faayinaansii Afrikaa guddisuu fi sirna kaffaltii Raashiyaan walitti fiduuf qophii qabaachuu ibsaniiru.

Biyyattiin wabii nyaataa Ardii Afrikaa mirkaneessuuf dhaabbata sagantaa nyaataa mootummoota Gamtoomanii waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Walitti dhufeenya waloo mirkaneessuf Raashiyaan hariiroo Daldalaa, Diinagdee fi namoomaa Afrikaa caalmaatti guddisuuf qophii ta’uu Pireezidaanti Putiin eeraniiru.

Yero ammaa barattoonni Afrikaa kuma 35 caalaan Yuunivarsiitiwwan Raashiyaa keessatti barachaa jiraachuu ibsaniiru.

Wandawasan Araggaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.