Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni fayyaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Agarsiifni Fayyaa Gola Hmbaa Saayinsiitti sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaa ture xumuramuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Gorsaa olaanaaa Ministira Fayyaa Dooktar Daani’eel Gabramikaa’eel ibsa har’a kennaniin, agarsiisa kanaan hojii Ityoophiyaan damee Fayyaarratti hojjechaa jirtuufi bu’aawwan argaman akkasumas guddinni damee kanaan argame dhihaachuun daawwattoonni hedduun daawwachuu beeksisaniiru.

Agarsiifni kun ji’a tokkoof kan ture yoo ta’u hoggantoonni mootummaa Federaalaa, naannoleefi bulchiinsota magaalootaa akkasumas bakka bu’oonni dhaabbilee Ardii, idil addunyaa, tola ooltonnii fi kanneen daawwachuu kaasaniiru.

Agarsiisa Fayyaa kana Ministeerri Fayyaa fi Federeeshiniin kunuunsa Fayyaa waliin ta’uun mataa duree ”Fayyaa Dhaloota dhufuuf” jedhuun kan qopheessaan yoo ta’u Waxabajjii 13, 2015 Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin banamee daawwannaaf banaa ta’uun kan yaadatamuudha.

Salamoon Yitaayyeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.