Fana: At a Speed of Life!

Oomishtoonni galteewwan qonnaa Raashiyaa Afrikaatti oomishtummaa guddisuuf gahee isaanii kan bahan ta’uu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Oomishtoonni galteewwan qonnaa Raashiyaa Afrikaatti oomishtummaa guddisuuf tattaaffii taasiifamu deeggaruuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Walga’iin Diinagdee fi Dhimmoota namooaa 2ffaa Raashiyaa – Afrikaa mata duree ‘Tumsa Afrikaa fi Raashiyaa oomishtummaa qonnaaf’ jedhuun Raashiyaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii kanarratti bakka buutoonni damee qonnaa biyyota Afrikaa fi dhaabbileen oomishtootaa hirmaataa jiru jedhame.

Hanqina dhiyeessii galtee qonnaa Afrikaa furuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achaa jiraachuu eerameera.

Dameen Qonnaa Afrikaa fi Raashiyaa kallattii hedduun waltumsuu akka danda’anii fi tattaafficha tumsuuf qophummaan jiraachuun Bakka Bu’aan Baankii Qonnaa Raashiyaa Oleeg Oozeeroov ibsaniiru.

Oomishtoonni galteewwan gama isaaniin meeshaalee qonnaa ammayyaa fi xaa’oo biyyoo gatii madaalawwan dhiyeessuu, akkasumas Piroojektoota ga’umsa qonnaan bultootaa dabalan hojiirra kan oolchan ta’uu ibsaniiru.

Wandawasan Araggaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.