Fana: At a Speed of Life!

Oromiyatti bara kana barattoota miiliyoona 7.5’f nyaata dhiyeessuuf karoorfame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2016 barattoota miiliyoona 7.5’f manneen barnootatti nyaata dhiyeessuuf karoorfamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Bara baajata xumuramee keessaa barattoonni sababa rakkoo uumamaa fi namtolcheen barnoota isaanii akka addan hin kunne hordooffiin taasifamaa turuu biirichatti Daayrekterri qophii karoora fi Baajata Obbo Hasaan Idiriis, Faanaa Biroodkaastingi Korporetiif himaniiru.

Haaluma kanaan bara 2016 tti hojiin barattoota fayyadamoo nyaataa taasiisuu haala fooyyaa’aa ta’een hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bara 2015 barattoonni miiliyoonni 5.2 ol fayyadamoo ta’uunis ibsameera.

Manneen barnoota mootummaa hunda keessatti barattoonni kutaa 1ffaa -4ffatti baratan fayyadamoo ta’uu kaasaniiru.

Bara 2016 ttis tajaajila nyaataa waliinga’uuf haal dureewwaan taasifamuu Obbo Hasaan ibsaniiru.

Malaaku Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.