Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa Dr Kaatriin Haamliin raawwatame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Sirni awwaalchaa hundeessituu Hoospitaala Feestuullaa Ityoophiyaa Dooktar Kaatriin Haamliin raawwatame.

Sirni gaggeessaa reeffa isaanii mana jireenyaa isaaniitti bakka maatii fi firoottan isaanii argamanitti kan raawwatame yammuu ta’u, sirni awwaalcha isaanitis har’a Pheexroos Waphaawloositti raawwatameera.

Dooktar Kaatriin Haamliin umrii isaanii waggaa 96ffaatti Bitootessa 9,2012 boqachuun isaanii ni yaadatama.

Dooktar Kaatriin Haamliin waggoota 60f dhaabbata deeggarsaa hundeessaniin Ityoophiyaanota kumaan lakkaa’an tajaajilaa turaniiru.

Gochaa gaarii hojjetaniin lammummaa kabajaa Ityoophiyaa kan argatan yammuu ta’u, Yuunvarsiitii Finfinneerraayis Dooktareetni Kabajaa kennameefira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.