Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen misoomaa wal sakaaluu osoo hin taane waliin ta’uun waliif gabaa uumuu qabu – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Dhaabbileen misoomaa wal sakaaluu osoo hin taane waliin ta’uun waliif gabaa uumuu qabu jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa raawwii hojii isaa bara 2015 fi kallattii karooraa bara 2016 irratti gamaaggama gaggeessuun qaamota raawwii karoora bara 2015 keessatti gumaacha olaanaa taasisaniif beekamtii kennee jira.

Gamaaggama kana irratti argamuun kallattii hojii gara fuulduraa kan kaa’an Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dhaabbileen misoomaa wal sakaaluu osoo hin taane waliin ta’uun waliif gabaa uumuun dorgomaa ta’uu akka qaban dubbataniiru.

Dhaabbileen misoomaa miira wal dorgommii uumuun bu’aa qabeessummaa isaanii yeroo yeroon dabalaa deemuu akka qaban kaasuun mootummaan kana booda piroojektii eegalu kamuu xumuruun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf waan hojjetuuf dhaabbileen piroojektoota hojjechaa jiran ariitiifi qulqullina isaa irratti xiyyeeffachuu akka qaban himaniiru.

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa (OCC), Injiineriingii Korporeeshinii Oromiyaa (ECO) fi Warshaan Pilaastika Oromiyaa wal duraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’uun beekkamtii argachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.