Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Baajata Bara 2016 Birrii biiliyoona 17 ol raggaasiise

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Baajata Bara 2016 Birrii biiliyoona 17.3 ol raggaasiiseera.

Kaabineen bulchiinsa yeroo naannichaa walga’ii idilee gaggeessen wixinee Baajataa bara 2016 dhiyeeterratti bal’inaan mari’achuun raggaasiseera.

Haaluma kanaan baajata bara 2016 Birrii biiliyoona 17.368 ta’uun dhiyaate raggaasisuu ragaan Waajjira Pireezidaantii bulchiinsa Yeroo naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.