Fana: At a Speed of Life!

Kaameeraawwan hataman 27 to’annoo jala oolfaman

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Kameeraawwan garaagaraa hataman 27 to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kaameeraawwan kunneen Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Addis Katamaa bakka addaa giddugala Gabaa Yirgaa Haayileetti ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan sakatta’aa taasifameen kaameeraawwaan waraabbii viidiyoo fi suurraa hanga garagaraa qaban 27 to’annoo jala oolchuu eereera.

Shakkamaa to’atamerrattis qorannoo barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibsuun, namoonni meeshaalee hataman bitan gochaa seeraa alaa kanarraa akka of qusatan hubachiiseera.

Kanneen meeshalee hataman bitanirrattis to’annoo gaggeessu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Hawaasni yakka ittisuuf deeggarsa taasisuu cimsee akka itti fufu gaafachuun, kanneen duraan kaameeraan jalaa hatame Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti dhiyaachuun ilaallchuu akka danda’an dhaamuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneearra argamenni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.