Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Dammaqaa Mokonniin durfamu Taanzaaniyaa gale

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- Gareen Jilaa Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu Taanzaaniyaa Daaresalaamiin galeera.

Jilichi Yaa’ii Misooma Qabeenya Humna Namaa Afrikaa Adoolessa 18-19, 2015 gaggeeffamurratti hirmaachuuf akka ta’e eerameera.

Jilichi wayita Daaresalaamiin Ga’uttis Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Taanzaaniyaa Ambaasaaddar Mibaarook N. Mibaarokii, Taanzaaniyaatti Ambaasaaddar Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoo fi dippilomaatota birootiin simatamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.