Fana: At a Speed of Life!

Baaburri Salphaa Finfinnee lakkoofsa imaltootasaa %50 hir’isuun tajaajila laachaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Baaburri Salphaa Finfinnee lakkoofsa imaltootasaa %50n hir’isuun tajajaila laachaa jira.
 
Murtichi hojiirra ooluu kan jalqabe har’a Bitootessa 14,2012 eegaleeti.
 
Ministirri Ministeera Geejibaa FDRI aadde Daagmaawiit Moogas akka beeksisanitti murtichi kan darbe weerara vaayrasii koroonaa ittisuufi.
 
Imaltoonni fageenya isaanii eeganii akka dhaabbatanii fi tajaajilamanis dhaamaniiru.
 
Fageenya ofii eeggachuun tajaajilamuun amma jiru jalqabbii gaarii ta’uu ibsuun, akka itti fufanis gaafataniiru.
 
Aadde Daagmaawiit fageenya keenya eeggachuun tamsa’ina vaayrasichaa yaa ittisnuunis dhaamaniiru.
 
Baaburri salphichaa kanaan dura guyyaatti namoota kuma dhibba 1 fi kuma 20 ol keessummeessaa kan ture yammuu ta’u, murtee ammaa kanaan garuu namoota kuma 48 amma kuma 50 ta’an qofa keessummeessa jedhan hoji raawwachiisaan Koorporeeshinii Baabura Ityoophiyaa Dooktar Sintaayyahu Walda Mikaa’eel Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.