Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjin Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Finfinnee Dhaabbata “Safe Child” waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- Yuunivarsiitii Finfinneetti Koolleejjin Saayinsii Fayyaa Hospitaala Xiqur Ambassaa dhaabbata Israa’eel “Safe Child” waliin tajaajilaa wal’aansa onnee daa’immanii irratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Sirna waliigaltecharratti Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Allalinyi Admaasuu, Itti Gaafatamaa “Safe Child Care” Saayiman Fiish, Hoji Gaggeessaa Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivasriiti Finfinnee Dooktar Anduwaalam Dannaqaa argamaniiru.

Waliigaltechis meeshaalee wal’aansa onnee guutuurraa eegalee dhibamtoonni onnee Israa’eelitti akka wal’aanaman taasisuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Dabalataanis, hojiileen ce’umsa beekumsaa kan hojjetaman ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarrii Israa’eel Allalinyi Admaasuu himaniiru.

Ityoophiyaan ogeeyyi fayyaa damichaa Afrikaanotaafillee tajaajilaa kennuu danda’an horachuuf kan tumsu ta’uu kaasuun kunis hariiroo Ityoophiyaa fi Israa’eel kan cimsuudha jedhameera.

Fatiyaa Abdaallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.